Pireezidaantiin FDRI Saahilewarqi Zawudeen Dirreedawaa galan.

54

Finfinnee,Bitootessa 17/ 2013 (TOI) - Pireezidaantiin FDRI Saahilewarqi Zawudeen daawwannaa hojiif Dirre dawaa galaniru.

Turtii isaanis hojii bulchiinsa magaalaa Dirree dawaa fi Naannoo Hararii ni daawwatu jedhameraWayita Buufata Xiyyaaraa Dirre Dawaa gahanis Pirezedaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badiriifii sadarkaa Kantiibaa Itti aanaatti hogganaan biiroo Daldalaa,Induustiriifii Investimentii Magaalaa Dirre Dawaa Obbo Kadir Juhaarfi aanga’oonni biroo simatanii jiru.

Yeroo turtii isaanittis gara Hararitti imaluun Yuuniversiitii Haromayyaa keessatti deeggarsa hunda galeessa Dubartootaaf taasifamaa jiru,Magaala Hararitti kan argamu Hoospitaala Yaala dhibee Feestullaa akka daawwataniifi giddu gala ijaarsa naamusaa ta’ee kan tajaajilu ijaaruuf dhagaa bu’uura ni kaahu jedhamee eegama.

Guyyaa boruu immoo Magaala Dirre Dawaa keessatti deeggarsa hundagaleessa Dubartootaaf taasifamaa jiru ni daawwatu jedhamee eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015