Itoophiyaatti hawaasa Siyaas-dinagdee tokko qabu ijaaruu kan dandeenyu ofittummaafi gandummaa yoo balaaleffanedha - Pireezidaant Saahilewarqi Zawudee - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaatti hawaasa Siyaas-dinagdee tokko qabu ijaaruu kan dandeenyu ofittummaafi gandummaa yoo balaaleffanedha - Pireezidaant Saahilewarqi Zawudee

Finfinnee, Bitootessa 15/2013 (TOI) - Itoophiyaatti hawaasa Siyaas-dinagdee tokko qabu ijaaruu kan dandeenyu ofittummaafi gandummaa yoo balaaleffanedha jedhan Pireezidaantiin FDRI Saahilewarqi Zawudee.
Komishiniin dhimma bulchiinsa daangaafi eenyummaa Itoophiyaa maarii fi qorannoo mata duree "Yaadi Saayinsaawwaa bulchiinsa daangaa,eenyummaa fi ofiin of bulchuu rakkoleef furmaata waaraa" jedhuun Finfinnetti gaggeefama jira.
Sirana kanarratti haasa kan taasisan pireezidanit Saahilewarq Zawudee akka jedhanitti ilaalchoota sirrii hin tanee kan seenaa darban irraa dhaalle sirreessuun nageenya waaraa fiduun hojii ijoo keenya ta'uu qaba jedhan.
Jaarraa 21ffaa keessatti hiikka tokkolee kan hin qabne ilaalcha gandummaafi ofittummaa sagalee tokkoon balaaleffachuun tokkummaa keenyaaf dhaabbachu qabna jedhaniru.
Pireezidaanit Sahilewerqi Zewudee akka jedhanitti biyya keenya keessatti gaaffileen bulchiinsa ,daangaa,eenyummaafi ofiin of bulchuu waggoota dheeraaf lammiilee biraa ka'an deebii dhabuu isaanitiin madda walitti bu'insaa ta'anii turaniiru jedhaani.
Mootummaan rakkoowwan walitti bu'insaaf sababaa ta'aniif furmaata qorannoon deeggarameen furuuf hojjechaa akka jirus himaniru.