Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti komishiniin dinagdee Afriikaa Alaabaansaa gadi siqee akka fannifamu taasise

62

Finfinnee Bitootessa 2/2011 Dhaabbata mootummooata gamtoomaniitti komishiniin dinagdee Afriikaa ‘ECA’n balaa daandii qilleensaa Itoophiyaarra ga’een gadda namoota lubbuunsaanii darbe 157f alaabaansaa gadi siqee akka fannifamu taasise.

Teessoonsaa Finfinnee kan ta’e komishinichi itti gaafatamtoonni ejensooata dhaabbatichaa fi hojjettoonni hundi bakka argamanitti qophii ha’ra taasifameen ibsi gaddaa darbeera, sirni alaabaa gadi hiiksanii fannisuus raawwatameera.

Barreessaa olaanaan dhaabbatichaa Antooniyoo Gutereez kanneen balaa kanaan lubbuunsaanii darbeef gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.

Namoota lubbuunsaanii darbe 157 keessaa 17 qopheessummaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitiin magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobiitti wal ga’ii eegumsa naannoorratti hirmaachuuf garas deemaa kan turan hojjettoota dhaabbatichaati.

Ogeeyyonni nageenyaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii mootummaa Itoophiyaa waliin ta’anii sababa balaa kanaa beekuuf sochii taasifamaa jiru waliin hojjechaa akka jiran komishinichi beeksiseera.

 Itoophiyaatti embaasiin Ameerikaas balaa mudatetti gadduusaa ibsee, alaabaan gadi siqee akka fannifamu taasisuusaa odeeffannoon argame ni agarsiisa.

Wayitiin kun wayita ummaa Itoophiyaa waliin dhaabbannee gadda waliif qoonnu dha kan jedhe embaasiin kun, daandii qilleensaa Itoophiyaa fi mootummaa Itoophiyaaf deeggarsaa fi gargaarsa barbaachisaa ta’e taasisuuf qophii ta’uusaa beeksiseera.

Kanneen lubbuunsaanii darbe keessaa Lammiileen Ameerikaa 8 akka ta’anis beekameera.

Xiyyaarri daandii qilleensaa Itoophiyaa lakkoofsa balallii ‘ET’ 302 booyiingi 737 maaksi Finfinnee irraa ka’e gara Naayiroobii deemaa osoo jiruu kufee caccabe  kun namoota biyyoota 35nii imaltoota 149 fi keessummeesitoota 8 qabatee ture.

Imaltoota keessaa 32 lammiilee keeniyaa yoo ta’an, 17 Itoophiyaanota kanneen hafa ammoo lammiilee biyyoota birooti.

Balaan kun kan qaqqabe kaleessa ganama Boolee irraa ka’ee daqiiqaa 6 booda yoo ta’u sababni balaa kanaa amma ammaatti hin beekamne.

Dhaabbata siviil aviyeeshinii idil addunyaa fi booyiingi dabalatee koreen qaamota addaddaa of keessaa qabu sababa balaa kanaa torbee kana keessa qorachuu akka jalqabu itti gaafatamaan quunnamtii ummataa daandii qilleensaa Itoophiyaa obbo Asiraat Bagaashaawu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015