Tamsaasa Kallatti:

Jeneraalota Raayyaa Ittisa Biyyaa tarkanfii seeraa kabachiisuu milkaa’inan gaggeessanif Niishanii Dirree Waraana Olaanaa kenname.

Finfinnee,Bitooteessa 13/2013 - Jeneraalota Raayyaa Ittisa Biyyaa tarkanfii seeraa kabachiisuu milkaa’inan gaggeessa turaniif Ummanni Affaar Niishanii Dirree Waraana Olaanaa badhaase.

Mootummaan Naannoo Affaar Jeneraloota Raayyaa Ittisa Biyyaa tarkanfii seera kabachiisuu garee juuntaa irratti gaggeeffame irratti hirmaatanii milkiin xummuraniif Niishanii Dirree waraana Olaanaa badhaasan.

Jeneralonni waraanaa kun mootummaafi uummata Affaar badhaasa gootaa, namoota fageessanii yaadan akkasumas namoota dandeetti rakkoo hiikuu qabaniif kennan Niishanii kabajaa, Waraanaa of irra qabu “Malasaayii” jedhamu badhaasaniiru.

Badhaasni Niishanii kabajaa Dirree Waraana kun Itaamajoor Shuumii Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jeneraal Biraanuu Juulaa, Itti aanaa Itaamajoor Shuumii Leetenal Jeneraal Abbabawu Taddasaafi Leetenaal Jeneraala Baacaa Dabaleef kenname.

Pireezidaantiin Naannoo Affaar Obbo Awwal Arbaa jeneraalota waraanaa kanaaf Niishaanii Dirree Waraanaa Olaanaa uummata Affaar kennaniiruuf.

Jeneraalota kanaaf Magaalaa Samaraa keessa bakki lafti mana jireenya irrati ijaarratanis kennameeraf.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015