Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad hoggantoota Raayyaa Ittisaa Biyyaa waliin mari'atan.

Finfinfinnee, Bitootessa 12/2013(TOI)- Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahmad hoggantoota Raayyaa Ittisaa Biyyaa waliin mari'atan.

Walgahii isaani kanaan raayyaan ittisaa nageenya eeguu fi birmadummaa biyyaa kan kabachisaa jiruu waan taheef akka isaaniin boonu isaanitti himee jira jedhan Dr. Abiyyi fuula midiyaa hawaasaa isaanirratti barreessaniin.

Naamusaafi ogummaa cimsuufi hojii seera kabachiisuu kamirrattuu kanneen duudhaa raayyaa keenya bakka hin buune raawwatan ittigaafatamaa taasisuu, akkasumas warra ittigaafatamummaasaanii bahanimmoo badhaasuun akka barbaachisu hubachiiseera.

Hanqinni gama ittigaafatamummaafi naamusaatiin jiru sirna jiruun tarkaanfiin kan irratti fudhatamu ibsaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015