Taaliin vaayirasii Koroonaa Astiraazenikaa jedhamu miidhaa isaa irraa bu'aa inni qabutu caalaa waan ta'eef Ardicha bakka hundaattu akka hojirra oolchuun itti fufu Gamtaan Afrikaa gorseera.

110

Finfinnee, Bitootessa 9/2013 (TOI-) Taaliin vaayirasii Koroonaa Astiraazenikaa jedhamu miidhaa isaa irraa bu'aa inni qabutu caalaa waan ta'eef Ardicha bakka hundaattu akka hojirra oolchuun itti fufu Gamtaan Afrikaa gorseera.

Jiddugallii to'annoo fi ittisa dhukkubaa Afrkaa (CDC Afrikaa) daarektara kan ta'aan Joon Nikengasoon akka ibsanitti talaallichi miidhaa inni qabu caalaa bu'aa inni qabutu baay'ee guddaa waan ta'eef biyyoonni ardichaa talaalli kan kennuu jalqaban itti fufan kennu jedhaniru.

Astiraazenikaan akka himeetti lammilee Ingilizii fi Gamtaa Awuroophaa talaallicha fudhatan miiliyoona 17 irratti to'annoo taasifameen haga ammaatti rakkoon itituu dhiigaa mul'achuu ragaan agarsiisu hin jiru.

Murtii biyyoonni Awuroophaa tokko tokko talaallicha kennuu dhiisuu fudhatan hordofee biyyoonni Afrikaa tokkoo tokkoos talaalli vaayirasii Koroonaa Astiraazenikaa jedhamu kennuu dhaabaniru. Isaan kana keessaas Rippabilinki dimookiratik Koongoon ishee tokkodha jedhamera.

Faallaa kana immoo biyyoon hedduun talaalli kan lammilee isaaniif kennaa jirachuu Rooyiters gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015