Koreen lotarii Tombola "lammiitu lammiif" jedhu namoota carraa argataniif furtuu Konkolaataa fi carraawwan biroo dabarsanii kennuu beeksise - ENA Afaan Oromoo
Koreen lotarii Tombola "lammiitu lammiif" jedhu namoota carraa argataniif furtuu Konkolaataa fi carraawwan biroo dabarsanii kennuu beeksise
Finfinnee,6/2013(TOI)-Koreen lotarii Tombola "lammiitu lammiif" jedhu namoota carraa argataniif furtuu Konkolaataa fi carraawwan biroo dabarsanii kennuu beeksise
Tomboolaa lotarii "lammiin lammiif" jedhamu guyyaa har’aa bakka walitti qabaan koree lootorii Tombola Obbo Mootii Morodaa fi abboonni carraa argamanitti wal-harkaa fuudhinsi taasifameera.
Carraan Lotorii Tomboolaa bara 2010 kan eegale sababoota gara garaatin osoo abbaa carraaf hin dabarfamiin turus guyyaa har’aa carraawwan bahan abbaa carraatif dabarsanii kennaniiru.
Carraawwan guyyaa har’aa bahan konkolaataa Siinoo Tiraakiin 1, Konkolaataan Hayiruufii 1, Konkolaataan fe’umsaa ( Isuzu) 1 fi meeshaaleen biroo kennamaniiru.
Gurgurtaa Tomboolichaarraa Birrii miiliyoonni dhibbi 2 fi miiliyoonni 21 walitti qabamuu ibsameera.
Maallaqni hafees Baankiiwwan afuritti kaayamanii lammiilee deeggarsa barbaadaniif haalli itti kennamuufii ni mijata jedhan.Abbaan Carraa Konkolaatoota hafanii fi mana jireenyaa hanga ammaatti kan hin dhiyaannee yoo ta’u carraan kunnen abbaan carraa yoo dhufe kan kennamuuf ta’ee,kan hin argamne taanan gurguramuun dabtara cufaatti galii taasiisuun lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsaan kan laataman ta’uus ibsameera.
Namoonni carraa argatan yaada kennaniin carraa argachuu isaanitti gammaduun lammii gargaaruun of-gargaaruu akka ta’e dubbataniiru.
Adde Tsahaay Nagaash Jiraattu Godina Arsii Magaalaa Boqqojjii kan ta’an carraa konkolaataa Siinotiraakii argachuu isaannitti gammaduun “ani lammii koon gargaare malee carraa argadhe jedhee yaadee hin beeku,garuu Lammii ofii gargaaruun of-gargaaruudha waan ta’eef abbaa carraa ta’uu kootti gammadeera’’ jedhan.