Magaalaan guddittii Chaayinaa Beejiingi waggoota kudhani asitti isa hammaataadha kan jedhame hobomboleettii cimaan dhukkeen ka'een uwwifamuun himame.

70

Finfinnee, Bitootessa 6/2013(TOI)-Magaalaan guddittii Chaayinaa Beejiingi waggoota kudhani asitti isa hammaataadha kan jedhame hobomboleettii cimaan dhukkeen ka'een uwwifamuun himame.

Dhukkeen kun safartuu tilmaama Faalama qilleensaa haalaan kan caaleefii kutaalee tokko tokkotti sadarkaa taa’een ol harka 160 dachaan akka muudate himameera.

Kanaan kan walqabate balalliin xiyaaraa 100 ol ta’an haqamanii jiru.

Dhukkeen Cirracha of keessa qabu kun hobomboleettii cimaan Moongooliyaa irraa dhiibamee akka magaalittii seenes himameera.

Miidiyaaleen biyyittii Magaalaa Beejiingi dabalatee Bulchiinsa Biyyittii 12 keessatti rakkoon kun akka muudate gabaasanii jiru.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa sadarkaa qulqullina qilleensaa Faalama irraa bilisaa kan kaahe ture yoo ta’u,hammeentaa Paartiikiloota Faalama uumanii 'Paartiikulaar Maatersi (PM)' irratti akka hundaa’us beeksisee jira.

Haaluma kanaan hammeentaan faalamaa 0-54 gidduu jiru gaarii, 55-154" giddu galeessa fi sanaa ol hammaataa akka ta’e himamuu isaa BBC gabaaseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015