Ambaasaaddar Yibalxaal eeggataa Komishinara Baqattootaa Sudaan waliin mari’atan

51

Finfinnee, Bitootessa 6/2013 (TOI) – Sudaanitti Ambaasaaddarri guutuun Itoophiyaa Yibalxaal Ayimiroon eeggataa Komishinara Baqattootaa Sudaan Ibraahiim Abdallaa waliin mari’ataniiru.

Dhimma Godaantoota Itoophiyaa Sudaanitti argamanii fi deeggarsa namoomaa lammiilee kanneeniif taasiifamaa jiru ilaalchisee marii taasiisaniiru.

Haala lammiileen kunneen fedhii isaaniin gara biyyaatti deebi’uu danda’anurratti mari’achuu isaanii Ambaasaaddar Yibalxaal ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015