Birmaddumaafi tokkummaa Sab-qunnamtii Itoophiyaaf Miidiyaalee gufuu ta’an irratti tarkaanfi akka fudhatu Abbaan Taayita Biroodkasti Itoophiyaa beeksise.

Finfinnee, Bitootessa 6/2013(TOI) - Birmaddumaafi tokkummaa Sab-qunnamtii Itoophiyaaf Miidiyaalee gufuu ta’an irratti tarkaanfi akka fudhatu Abbaan Taayita Biroodkasti Itoophiyaa beeksise.

Bu’aalee 'moniteriingi' miidiyaa bu’uura taasifachuun birmadummaa biyyattii, tokkummaa ummattootaafi nagaa biyyaa kaneen balaarra buusan irratti tarkaanfiifii sirreeffamni akka fudhatamu Abbaan Taayitaa Biroodkaasti Itoophiyaa beeksise.

Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Abbaa Taayiticha obbo Wanduwasan Anduu’alam duula seera kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffameen walqabatee taatewwan muudatan miidiyaan alaa loogii kan of keessaa qabu, madaalawwaa kan hin taaneefi oduu sirrii hin taane akkasumas oduu ergama addaa of keessaa qaban, dookumentariifi gabaasaalee adda addaa hojjecha akka jiran qorannoon 'moonitariingi' miidiyaa ni mul’isa.

Gabaasni miidiyaalee idil addunyaan hojjetaman walumagalatti naamusa ogummaa gaazexessummaafi gaaffii namuusa ogummaa kan kaasu danda’ani jedhan obbo Wandoosan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015