Mootummaan Ertiraa balaa Xayyaaraa qaqqabetti gadduusaa ibse

116

Finfinnee Bitootessa 1/2011 Mootummaan Ertiraa balaa xayyaaraa daandii qileensaa Itoophiyaa lubbuun namoota hundaa itti darbetti gadduusaa ibse.

Ganama har'aa Xayyaarri daandii qilleensaa Itoophiyaa Finfinneerraa gara Naayiroonii Keeniyaa deemaa osoo jiru naannawa Bishooftuutti kufee kan caccabe lakkoofsi balallii ET 302 booyiingi 737 imaltoota lammiilee biyyoota 33 namoota 149 fi hojjettoota daandii qilleensa saddet qabatee ture.

Xayyaara kana keessa kan turan keessaa 32 lammii Keeniyaa yoo ta'an, 17 Itoophiyaanota  kanneen hafan ammoo lammiilee biyyoota biroo yoo ta'an, balaa kanaan namoonni hundi lubbuunsaanii darbeera.

Mootummaan Ertiraa karaa ministira dhimma alaa biyaatti Osmaan Saleeh ergaa Itoophiyaaf dabarseen balaa kanaan gadda itti dhaga'ame ibseera.

Maqaa biyyattii fi ummataatiin maatii fi firoota miidhamtootaaf jajjabina hawweera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015