Ministirri muummee FDRI dooktar Abiy Ahmad naannoo Amaaraatti piroojaktii daandii asfaaltii lama ijaaramuuf dhagaa bu’uuraa kaa’aan

61

Finfinnee,Guraandhala 28/2013 (TOI)- Ministirri muummee FDRI dooktar Abiy Ahmad naannoo Amaaraatti piroojaktii daandii asfaaltii lama ijaaramuuf dhagaa bu’uuraa kaa’aan

Piroojaktoonni kun birrii biiliyoona shan ol kan ijaraamanidha jedhamera.

Minsitirri muummee FDRI dooktar Abiy Ahmad, daandii jaarsaaf jalqabisiisan kun Duurbeetee-Quunzilaa-Shaawraa-Fiinjit kan dhaqqabu daandii asfaaltii konkiritiiti jedhameera. Kiiloomeetira 135 tuqaa 5 kan dheeratudha. Piroojaktii kanaaf birriin biiliyoona 2 tuqaa 65 ramadameera.

Piroojaktiin inni lamaffaa daandii asfaaltii konkiritii Dalagoo-Gandaawuhaati. Daandiin kunis kiiloomeetira125 kan dheeratudha jedhameera. Piroojaktiin kun birrii biiliyoona 2 tuqaa 7 ramadamuun isaatiis beekameera. Piroojaktoonni kun guutumaan guutuutti baasii mootummaatiin kan haguugamanidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015