Bara baajata kanatti baatiwwan 6'n darbanitti yaaliin haleellaa saaybarii 976 dhaabbilee Itoophiyaarratti taasifamuu Eejansiin Odeeffannoo fi Nageenyaa ibseera.

68

Finfinnee, Gurraandhala 27/2013 (TOI)- Bara baajata kanatti baatiwwan 6'n darbanitti yaaliin haleellaa saaybarii 976 dhaabbilee Itoophiyaarratti taasifamuu Eejansiin Odeeffannoo fi Nageenyaa ibseera.

Daayreektarri olaanaan eejansichaa Dooktar Shumatee Gizaw, bara baajatichaatti haleellaan saaybarii hedduun yaalameera jedhan.

Haleellichi heddummachuf sababa kan ta’ee jijjiirrama diijitaalaa weerarri vaayrasii koroonaa qaqqabsiisee, duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayii fi taateewwan biroo akka biyyaa fi naannootti muudatan ta’uu ibsameera.

Haleellawwan saaybarii bara kana qaqqaban kan bara darbee waliin kan wal fakkatuu ta’uu Dooktar Shuumateen ibsaniiru.

Haleellawwan yaalaman keessaa % 40 gara dhaabbilee faayinaansitti yoo ta’u, kan hafan manneen hojii mootummaa, miidiyaalee, dhaabbiilee barnootaa fi biiroolee biroorratti jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015