Manni maree magaalaa Finfinnee yaa’ii idileesaa 2ffaa bara hojii 8ffaa gaggeessaa jira.

69

Finfinnee, Gurraandhala 25/2013 (TOI) “Nageenya biyya keenyaa fi magaalaa Keenyaa eeguuf hojiin walhubannoofi waldeeggarsaa hedduun hojjetamaniru jedhan Itti aantuun Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee.

Manni maree magaalaa Finfinnee yaa’ii idileesaa 2ffaa bara hojii 8ffaa gaggeessaa jira.

Yaa'ii kanaan raawwii hojii baatiiwwan jahaa bara 2013 kan dhiheessan aadde Adaanech, nageenya magaalichaa haala gaariin mirkaneesuuf humani nageenyaa magaalichaa yeroo kam caalaa uummata hirmaachisuun hojiin hojjetame kan aja'ibsifamudha jedhan.

Nageenya magaalicha kana caalaa cimsuuf ammaas caalaatti cimanii hojjechuun akka barbaachisuf aaddee Adaanech himaniru.Dhaabbilee nageenya magalitti caalaatti akka magaalicha madaalutti qindeessuuf kabachiiftota naamusa(Danbii) kuma 2 fi 674 fi Poolisoota filamaan kuma 4 fi 300 leenjifamanirus jedhaniru.

Magaalichatti rakkoo balaa Ibiddaa dedebi'ee mudatuu ittisuufis ogeessota 189 lenjisuun gara hojiitti akka galanis taasifamera jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015