Afyaa’iin Caffee Oromiyaa, aadde Loomii Badhoo hojiiwwan ijoo ji’oottan jahan darban keessatti Caffeen hojjetamaa turan ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennan

107

Finfinnee, Gurraandhala 18/2013 (TOI) - Afyaa’iin Caffee Oromiyaa, aadde Loomii Badhoo hojiiwwan ijoo ji’oottan jahan darban keessatti Caffeen hojjetamaa turan ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennan.

Ummata Oromoofi sabaafi sabalammoota biyyattii hundaan injifannoo Afrikaanotaa fi gurraachota hundaa kan ta’e kabaja injifannoo ADUWA waggaa 125n baga geessan jechuun ibsa isaanii jalqaban.

Caffeen Oromiyaa ergamoota gurguddoo Heeraan kennamaniif hojii seera tumuu, hordoffiifi to’annoofi Deeggarsa Manneen Maree Aanaalee fi Magaalotaaf taasisuu irratti xiyyeeffachuun gahee bakka bu’ummaa isaa bahachaa tureera jedhan.

Hojii hordoffiifi to’annoo Koreewwan Dhaabbiin hojjetaman ilaalchisee, qaamolee mootummaafi manneen hojii dhimmi ilaalu waliin marsaa lama gamaaggama raawwii kurmaanaa taasisuu, daawwannaa hojii dirree godinaalee adda addaa 16 keessatti Aanaaleefi Magaalota 40 fi Gandoota 80tti bobba’uun raawwii hojii misoomaa, proojaktiiwwanii, kenniinsa tajaajilaafi haqaa, qabiinsa mirga namoomaafi kkf daawwachuudhaan qaamolee hawaasaa adda addaa kuma 100 fi kuma20 ol ta’an waliin mari’achuun danda’ameera jedhan.

Caffeen gama hojii seera tumuutiin, Labsiiwwan Caffeen ragga’an afur (4)fi Dambii afur (4) maxxansi isaanii raawwatee ummata bira akka gahuuf hojjetamaa tureera.

Kana malees, Manneen Maree Aanaalee fi Magaalotaa cimsuuf, hojii hordoffiifi deeggarsa taasifamaa tureen deeggarsa meeshaalee adda addaas taasifamee kan jiru ta’uu ibsaniiru.

Barri kun jedhan aadde Loomiin, bara xumuura Caffee Bara Hojii 5ffaa waan ta’eef, hojiiwwan xiyyeeffannoo addaa barbaadan bara itti hojjetaman ta’uu akeekuun, keessattuu, jijjiiramaan booda filannoo seena qabeessa marsaa 6ffaaf sadarkaa biyyaafi naannootti gaggeeffamu milkaa’inaan xumuuruuf lammiileerraa hojii guddaatu eegama jedhan.

Keessattuu, ummanni keenya mirga heerri mootummaa isaaf hayyameen bakka bu’oota isaa filachuun cinaatti filannichi haqa qabeessa, bilisaafi demokiraatawaa akka ta’uuf tumsa irraa eegamu hunda adda durummaan bahachuu qaba jedhan.

Caffeen Oromiyaas, milkaa’ina filannichaaf gumaacha irraa eegamu hunda kan taasisu ta’uu aadde Loomiin ibsaniiru.

OBN gabaasee

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015