Tamsaasa Kallatti:

Jilli Etaamaajoorii Raayyaa Ittisaa biyyaa Jeneraal Birihaanuu Juulaan Durfamu Emmireetoota Araba Gamtoomaniitti daawwannaa hojii taasiisaa jiraachuu ibsameera.

Finfinnee, Gurraandhala 15/2013 (TOI) - Jilli Etaamaajoorii Raayyaa Ittisaa biyyaa Jeneraal Birihaanuu Juulaan Durfamu Emmireetoota Araba Gamtoomaniitti daawwannaa hojii taasiisaa jiraachuu ibsameera.

Jilichi Sheek Mahaammad Biin Zaayid Al Naahiyaan, Mootii Abuudhaabii fi itti aanaa ajajaa Humna waraanaa waliigalaa Raayyaa Ittisaa Emmireetoota Araba Gamtoomanii waliin wal arguun ergaa Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad irraa ergame geessiisaniiru.

Hariiroon Itoophiyaa fi Emmireetoota Araba Gamtoomanii dameewwan hundaan cimaa dhufuu Etaamaajoorii Raayyaa Ittisaa biyyaa Jeneraal Birihaanuu Juulaan ibsaniiru.

Sheek Mahaammad Biin Zaayid Al Naahiyaan gama isaaniin ergaa Muummee Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad irraa ergameef erga fudhatanii booda hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuuf ejjennoo cimaa qabaachuu ibsaniiru.

Hariiroo biyyoota lamaanii dameewwan diinagdee, Barnootaa, teeknooloojii, tika nageenyaa fi waraanaan daraan akka cimuuf Emmireetoonni Araba Gamtoomanii murannoon kan hojjettu ta’uu ibsaniiru.

Jeneraal Birihaanuu Juulaan haala waqtaawaa Baha Afrikaa fi duula olaantummaa seeraa kabachiisuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame ilaalchisee Sheek Mahaammad Biin Zaayid Al Naahiyaaniif ibsa taasiisaniiru.

Etaamaajoorii Raayyaa Ittisaa biyyaa Jeneraal Birihaanuu Juulaan Ministira Ministeera Raayyaa Itti Biyyaa Emmireetoota Araba Gamtoomanii fi Etaamaajoorii Raayyaa Ittisaa Waliigalaa biyyattii waliin ni mari’atamu jedhamee kan eeggamu ta’uu ragaan Emmireetoota Araba Gamtoomaniitti Imbaasii Itoophiyaarraa argame ni muul’isa.

11

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015