Mootummaan Naannoo Hararii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayi deeggaruuf Birri Miliyoona 12 murteesse.

80

Finfinnee,Gurraandhala 12/2013(TOI) - Mootummaan Naannoo Hararii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayi deeggaruuf Birri Miliyoona 12 murteesse.

Kaabineen Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Hararii Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayif Birri Miliyoon 12 deeggarsa gochuuf erga irratti mari’ate booda murte dabarseera.

Haaluma kanaan maallaqa callaa Birri miliyoona 10 kan deeggare yoo tahu, lammiilee deeggarsi hatattamaa isaan barbaachisu Birri Miliyoona 2tti tilmaamamun Uffataa xaaqaa(Foddee) 70, midhaan nyaataa fi nyaataan walqabatan kuntaala 300 garasitti erguuf murteessera.

Kaabineen naannichaa kun tajaajila fayyaa naanno Tigraayi deeggaruuf Ambulaansi tokkofi ogeeyyoota fayyaa erguufis murteesseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015