annoon biyyaaleessaafi Naannoleetti gaggeeffamuuf jedhu seera kabajuun karaa nagaafi dimookiratawaan akka xummuramuuf itti gaafatamummaa isaanii bahuuf qophii ta’uu qaamoleen nageenyaa naannoolee daangaa ollaa bahaa biyyittii ibsan.

85

Finfinnee, Gurraandhala 10/2013(TOI)- Filannoon biyyaaleessaafi Naannoleetti gaggeeffamuuf jedhu seera kabajuun karaa nagaafi dimookiratawaan akka xummuramuuf itti gaafatamummaa isaanii bahuuf qophii ta’uu qaamoleen nageenyaa naannoolee daangaa ollaa bahaa biyyittii ibsan.

Qaamoleen nageenya kunniin kutaa biyyaatti bahaa keessaatti nageenya amansiisaafi walitti fufiinsa qabu uumuuf hojilee hojjetan ciminaan hojjechuuf Magaalaa Dirree Dhawaatti mari’atanii jiru.

Itti gaafatamaan damee Nageenyafi Haqaa Naannoo Affaar obboo Mahammad Awaal waltajjii kana irratti nageenya amansiisaan akka mirkanaa’uuf hojilee hojjetaman cimsuun filannoo gaggeeffamu jedhu karaa nagaafi seera qabeessaan akka gaggeeffamuuf qophiin xumurameera jedhan.

Itti gaafatamaan Damee Nageenyafi Haqaa Naannoo Suumalee Abdullahi Ahimad gama isaaniin filannoon gaggeeffamuuf jedhu karaa nagaan akk axumuramuuf qaamolee haqaaf leenjii kennuu ibsuun, meeshaalee filannoof oolan gara buufata filannoo adda addaatti akka ergaman hojiin nageenya barbaachisu hojjetamaa jira jedhan.

Komishinarri Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaa Alamuu Magiraa filannoon gaggeefamuuf jedhu karaa nagaafi dimookiratawaan akka gaggeeffamu qaamoleen nageenya sadarkaa sadarkaan jiraniif leenjii gahaan kennameera jedhan.

Komishinarri Poolisii Naannoo Hararii Ataaham Abdii gama isaaniin rakkoo nageenyaa naannichaatti darbee darbee muudatu ittisuun yeroo ammaa nageenyi uumamuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015