Dorgommii figiichaa mana keessaan Firaansitti dorgomameen Atleet Gudaaf Tsaggaay irra deebiin yeroo 2ffaaf injifatte. - ENA Afaan Oromoo
Dorgommii figiichaa mana keessaan Firaansitti dorgomameen Atleet Gudaaf Tsaggaay irra deebiin yeroo 2ffaaf injifatte.

Finfinnee,Gurraandhala 8/2013(TOI)- Dorgommii figiichaa mana keessaan Firaansitti dorgomameen Atleet Gudaaf Tsaggaay irra deebiin yeroo 2ffaaf injifatte; dhiraan Atleeti Geetnat Waalatu injifate.
Atileet Gudaaf Tsaggaayfi Geetinaat Waala, dorgommii Shaampiyoonaa fiigicha mana keessaa Firaansitti dorgomameen olaantummaan injifatan.
Firaansi Vaal dee Riiyulitti dorgoommi Shaampiyooni fiigicha mana keessaa dorgomameen Atleet Gudaaf Tsaggaay riikardii haaraa Meetira 1500 torbe darbe achuma Firaansitti erga galmeessite booda yeroo lammaaffaaf ammoo fiigicha meetira 800 mo’atetti.
Atleet Gudaaf Tsaggaay akka lakkofsa Faranjootaatti bara 2006 booda fageenya isaa daqiiqaa 1fi seekoondi 57.52’n sa’aati ariifataa addunyaa galmeessuun injifachuu dandeessetti.
Atleet Geetinat Waala ammoo fiigicha gufachiisaa meetira 1500’niin yoo injifatu Lammeechaa Girmaa 2ffaan xumureera.