Ministira muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad daandii konkiriitii asfaaltii godina Horroo Gudduruu Wallagaa Baakkoo - Shaambuu har’a ifatti ebbisiisaniiru

67

Finfinnee, Gurraandhala 7/2013 (TOI)- Ministira muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad daandii konkiriitii asfaaltii godina Horroo Gudduruu Wallagaa Baakkoo - Shaambuu har’a ifatti ebbisiisaniiru.


Ijaarsi daandii konkiriitii asfaaltii Baakkoo-Shaambuu deeggarsa Baankii Misooma Arabaa Afrikaa taasisee fi baajata mootummaa federaalaa irraa argamee kan ijaarame.


Ijaarsi daandiicha baasii Birrii biiliyoona 1 tti siquun raawwatameera.
Sirna eebbaa kanarratti MM Dooktar Abiy Ahimad dabalatee Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniinii, pireezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaaa fi Giiftii Dureen Itoophiyaa aadde Zinnaash Taayyachew argamaniiru.


Ijaarsi Daandii konkiriitii asfaaltii Baakkoo-Shaambuu kiilo meetira 60.2 kan dheeratu yoo ta’uu, ijaarsiisaa bara 2008 kan eegalee.


Gama biraatin proojaktii daandii Shaambuu –Agamasaa eegalchisuuf dhagaan bu’uraa ka’ameera.


Ijaarsa daandichas deeggarsa baajata Baankiin Misoomaa Arabaa Afrikaan taasisuufi baajata mootummaa federaala Birrii biiliyoona 1 fi miliyoonaa 80n kan hojjetamu ta’us himameera.


Ijaarsi proojektii daandiii asfaaltii Shaambuu, Hammuru -Agamsaa kiilo meetira 95 yoo ta’u, dhabbataa ijaarsa daandii Chaayinaa "Shaamdam" jedhamun hojjetama jedhameera.


Ijaarsi daandiichaa waggaa 3 fi baatii 6 keessaatti ni xumuramaan eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015