Yuunivarsiitiin Jimmaa baratoota barsiisaa ture eebbise. - ENA Afaan Oromoo
Yuunivarsiitiin Jimmaa baratoota barsiisaa ture eebbise.

Finfinnee,Gurraandhala 6/2013(TOI)-Dhalootni barnootaan sammuu misoomse ofiifis biyyaafis Abdii Guddinaa Waan ta'eef ogummaa barateen biyya kana ceesisuu qaba jedhan Pirezedaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa
Yuuniversiitiin Jimmaa barnoota idilee, barnoota galgalaafi barnoota fagootiin barattoota digiri jalqabaatii hanga PhD tti barachaa turan kuma 4fi 338 kan bara 2013 eebbisiise.
Eebba kana irratti keessummootni Kabajaa kabajamoo pirezidaantii Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiya Obbo Shimalis Abdiisaa, pirazidaantii Mana Murtii Federaaalaa Itiyoophiyaa Aadde Ma'aazaa Ashennaafii, walitti Qabaa Boordii Yuuniversiitii Jimmaa Dr. Biqilaa Hurrisaafi geggeessitootni Federaalaafi Naannoo Oromiyaa biroo Argamaniiru.
Yuuniversiitiin Jimmaa barattoota kuma36 fi 191 waggoota darban barsiisaa ture keessaa barattoota kuma 4fi 338 kan eebbisiise yoo ta'u, barnoota Hawaasa mara haammate''Hawaasa keessa jirra'' jedhuunis qo'annoofi qorannoo bu'aa irratti xiyyeeffate hojjechuun beekama kan jedhan pirezidaantii Yuuniversiitii Jimmaa Dr Jamaal Abbaa Fiixaati.
Pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa barattootaafi maatii eebbifamtootaatiin baga Gammaddan erga jedhanii booda dhalootni barnootaan sammuu misoomse ofiifis biyyaafis Abdii Guddinaa Waan ta'eef ogummaa barattaniin jabaattanii biyya kana ceesisuu akka qabdanan isinii dhaama jedhan.
Pirezidaantiin Mana Murtii Walii Galaa Federalawa Itiyoophiyaa Aadde Ma'azaa Ashennaafii gama isaaniitiin biyyi keenya dhaloota barateef biyya keenya wal tajjii idila addunyaatti beeksisu irra gahuu isheetiif carroomteetti jedhan.
Dhalootni kun beekumsaan cimee biyya kan dhaloota ammaa irraa fudhatee kan bulchudha waan ta'eef dhaloota beekumsa irratti hundaa'ee sababawa ta'ee deeggaruufi mormu ta'uu qaba kan jedhan walitti Qabaa boordii Yuuniversiitii Jimmaa Dr. Biqilaa Hurrisaati.
Maddi:- OBN