Tamsaasa Kallatti:

Odeeffannoon Ajaansi Firaans Pirees waaldaan fannoo diimaa naannoo Tigiraayitti deeggarsi namoomaa harka 80 biraan hin dandeenye jedhe baasee dogoggora.

Finfinnee, Gurraandhala,4/2013(TOI)- Odeeffannoon Ajaansi Firaans Pirees waaldaan fannoo diimaa naannoo Tigiraayitti deeggarsi namoomaa harka 80 biraan hin dandeenye jedhe jechuun baasee dogoggoraafi waan hin jedhamne jedhame kan jedhe jechuun Waldaan Fannoo diimaa beeksise.

Ibsa gaazexesitootaf waldaan fannoo diimaa addunyaa fi waldaan fannoo diimaa Itoophiyaa karaa verchuwaalii dhimmaa deeggarsaa yeroo ilaalchisuun ka'an irratti kennaan Ajaansi firaanis pirees kara hin taanee waan hin jedhane fudhachuu isaa waldichi beeksiseera.

Waldichi naannoo Tigiraayitti haga ammaatti gargaarsa namoomaa taasisuuf waanti daangesse akka hin jirres beeksiseera.

Yeroo ammaa waldaan fannoo diimaa naannoo Tigiraayi fi Beenishaangulitti gargarsaa namooma taasisaa jiras jedhaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015