Bara kana Buna lafa heektaara kuma 60 irra jiru gamashuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame

100

Finfinnee, Gurraandhala 4/2013 (TOI) - Itoophiyaatti omishitummaa bunaa dabaluuf hojiin buna dulloome gamashuu hojjetamaa akka jiru Ministeerri qonnaa beeksiseera.

Godina Jimmaa Aanaa Geeraatti hojiin buna gamashuu minstira qonnaan daawwatamera. Aanichatti dabalataan hojii omisha qindaa'aa buna waliin hojjetamu, ganna dhufu kan dhaabbatu kunuunsa biqiltuu bunaa, Abukaadooofi Kororimaas daawwatamera.

Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Umer Huseen daawwanna kana irratti argamuun akka dubbatanitti, hojiin buna gamachuu godina Jimmatti geggeeffama jiru kun qaama buna dulloome gamashuu sadarkaa biyyatti hojjetamaa jiru ta'uu himaniru.

Godinni Jimmaa harkaa caalan akka godina buna omishuun beekamutti xiyyeeffannoon kennameefi hojjetama jiras jedhaniru.

Daarektarri olaanaa abbaa taayitaa Bunaa fi shaayee Itoophiyaa Dooktar Addunyaa Dabalaa akka jedhaniitti Itoophiyaatti waggoota lamaan darban qofaatti bunnii dulloomee kan lafa heektara kuma 200 irra jiru gamashameera. Bara kanaas muka bunaa dulloomee kan lafa heektara kuma 60 irratti argamu gamashuuf hojjetama akka jiru daarektarichi himaniru.

Qonnaan bultoonni buna omishaanis muka bunaa dulloomee gamashuun ykn buqqiisanii bilqiltuu haaraa dhaabun omishummaa isaani guddisuu akka qaban dooktar Addunyaan himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015