Atileet Gudaaf Tsaggaay Faransaay Leeviinitti fiigichaa mana keessaa meetira 1500 riikaardii addunyaa qabamee ture cabsite

72

Atileet Gudaaf Tsaggaay Faransaay Leeviinitti kan gaggeeffame, waldorgoommi fiigichaa mana keessaa meetira 1500 riikaardii addunyaa qabamee ture cabsite.

Atileet Gudaaf bara Faranjootaa 2014 atileet Ganzabee Dibaabaan galmaa’ee kan ture sekaandii 2 fooyyeessuun fageenya 3:53.09 xumuruu dandeesseetti.

Atileet Lamlam Hayluu waldorgommii shaampiyoonaa mana keessaa Faransaay meetira 3000 fageenya 8:32.55n xumuruun yoo injifattu, atileet Habtaam Alamuu ammoo meetra 800 fageenya 2:00.86n xumuruun 2ffaan xumurteetti.

Waldorgommii mana keessaa kanaan, atileettonni Itoophiyaa 1-4ffaa bahuu danda’aniiru.

Bu’uuruma kanaan atileet,

1.Geetinnat Waalaa 1ffaa,

2.Solomon Baaraggaa 2ffaa,

3.Lammeechaa Girmaa 3ffaa,

4.Barihuu Aragaawwii 4ffaa,

5.Taaddasaa Warquu 6ffaa bahuun xumureera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015