Waldaan ogeeyyii Seeraa Itoophiyaa filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa uummanni mirga dimookiraasii isaa haala gaariin akka fayyadamuuf hojiin hubannoo kennuu akka cimuu qabu hubachiise.

69

Finfinnee, 1/2013 (TOI)- Waldaan ogeeyyii Seeraa Itoophiyaa filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa uummanni mirga dimookiraasii isaa haala gaariin akka fayyadamuuf hojiin hubannoo kennuu akka cimuu qabu hubachiise.

Waldichi dhimmota Filannoon walqabatee jiru bu'uura seeraan akka raawwatamu gahee isarraa eegaamu akka bahuus beeksiseera.

Pirezidaantiin waldaa ogeeyyoota seeraa Itoophiyaa obbo Filiphoos Ayinaaleem akka Tajaajila Oduu Itoophiyaatti himanitti,Filannoo dura,yeroo filannoo fi filannoon booda waldichi waan irraa eegamu gaheesa bahuuf hojjechaa jira jedhaniru.

Uummanni mirga heerri mootummaa kenneef fayyadamuun filannicha irratti akka hirmaatuuf kaayyoo filannoo,galma filannoo irratti hubannoo kennuufis hojjechaa akka jiru himaniru.

Filannoon mirga dimookiraasii keessaa isa olaanati kan jedhan pirezidaantichi ummanni mirga kana fayyadamuun olaantummaan seeraa fi mirgi namoomaa akka haala gaariin jabaamuuf hojjechuu qaba jedhaniru.

Paartileen siyaasaa filannoo kanarratti hirmaatanis kallatti adda addaa fayyadamuun yaadoota fi imaamatoota qaban karaa qindaa'een uummataf akka dhiheesaan gorsaniiru.

Filannoon dura filatootaf hubannoo kenuun firii filannoo isaan kennanis kabajanii fudhachuu qabu jedhaniru.

Waldichiis filannoon booda waldhabdeen jira yoo ta'e gama seeraan furmataa keennamu keessatti gahee isaa bahuuf qophaa'a tu'u himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015