Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa Sagantaa fooyya'insa qulqullina tajaajila fayyaa waliigalaa ‘I Care’ jedhamu Giddugala Wal'ansa Waliigala Hospitaala Yuunvarsiitii Jimmaatti jalqabsisaniiru.

112

Finfinnee,Gurraadhala, 1/2013(TOI)- Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa Sagantaa fooyya'insa qulqullina tajaajila fayyaa waliigalaa ‘I Care’ jedhamu Giddugala Wal'ansa Waliigala Hospitaala Yuunvarsiitii Jimmaatti jalqabsisaniiru.

Sagantichi qindoomina hooggansaa sadarkaan jiru, ogeessoota fayyaa fi qooda fudhattoota kenninsa tajaajila fayyaa kan hirmachise jedhan doktar Liyaan.

Milkaa'ina sagantaa kanarratti jalqabarra jalqabee ogessoota kanneen dhimmi ilaallatu waliin maariin geggeffamuus Ministirri Fayaa Dr. Liyaan himaniru.

Karooraa sagantaa kana qopheessuu keessaattis hoggantoota olaanoo dhaabbaticha, ogeeyyoota buleeyyii,fi kanneen biroo waliin ta'uun rakkoo jiru hubachuufi mala rakkoowwan kun ittiin furamuu danda'anirratti maryatamera jedhan.

Hojii kan gara hojiitti jijiruufis kallattiwaan ijoo, kaayyoo, galmaaf galmiisaa ka'amuun hojiitti galamuus himaniru.

Giddugalaa wal'asaa kana keessaatti rakkoowwan mudaatan ministeera fayyaa, Ministeera saayinsiifi barnoota olaanaaa,fi biiroo fayyaa Oromiyaa waliin ta'uun furuun haala danda'amuu irratis maryatamera jedhan.

Ministeerri fayyaa bara kana sagantaa I care jedhamu kana hospitaaloota 24 jalqabsiisuuf hojjechaa akka jiru odeeffannowwan jiran ni mul'isu.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015