Tajaajilli Oduu Itoophiyaa afaanoota hojii isaa gara 9 ol guddisuuf jira.

56

Finfinnee,27/2013(TOI)-Erga hundeeffamee umurii waggaa dheeraa kan qabu Tajaajilli Oduu Itoophiyaa afaan hojii isaa gara 9 guddisuuf akka jiru beeksisera.

Biyya keessatti dameewwa gara 57 olguddisuuf , biyya alaatti immoo dameewwaan isaa 8 banuufis akka jiru beeksiseera.

Tajaajillii Oduu Itoophiyaa erga hunda'ee waggaa 78 kan lakkoofsisee yoo ta'u erga ergama biyyaaleessaa fudhatee labsiidhaan ittii wamamnii isaa bakka bu'oota ummaataf ta'een as keessaayyu immoo erga yeroo dhihootii as jijjiirama ariifata fidaa jira.

Bara 2022tti dhaabbata Afrkaattii fakkenyumma qabu, Amanamaafi dhiibbaa uumaa ta'uuf mul'ata qabatee hojjechaa kan jiru Tajaajilli Oduu Itoophiyaa, waggoota 10'n dhufaan keessatti tajaajilli isaa qaqqabamaa akka ta'uu akkasumas madda odeeffannoo miidiyaalee biyya keessa fi alaa ta'uuf karoora qopheeffatee hojjechaa jira.

Karoora isaa kana irratti qamoolee dhimmi ilaallatu waliin yeroo mari'ateetti akka ibsameetti, afaanoota Tajaajila ittiin keennuu kan biyya keessa fi alaa gara 9 ol guddisuuf karoorfateera.

Kanaanis haga ammaatti afaanoota ittiin tajaajila kennaa jiru afaan Amaaraa, afaan Oromoo, afaan Ingiliziifi afaan Arabaatti dabalataan afaanoota biyyaa keessa kanneen akka afaan Tigiree, afaan Somaalee, afaan Sidaamaa, afaan Walaayittaa, afaan Haraarii, afaan Affaar akkasuma afaanoota biyya alaa keessaa immoo afaan Iswaayilii fi Faransaayiin tajaajiloota oduu fi kanneen kanatti hidhata qaban keennuuf jira.

Kanneen keessaas afaan Tigireetiin yeroo dhihootti hojii jalqabuuf adeemsarra jira.

Karoora kana galmaan gahuufis ijarsaa sirnaa bulchiinsaa, ijarsa dhaabbataa keessatti Istidiyoo amaayyaa fi dameewwaan isaa babaal'isaa jirachuun himameera.

Dhaabbatichi dhimmoota siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa biyya keessaa haalaan hojjechuuf dameewwan isaa kanaan dura qabu irratti 23 dabaluun walii galaan gara 57 kan guddisaa jiru yoo ta'u, biyya alaatti immoo dhabbilee bakka bo'oo ta'aan 8 hundeessuuf hojjechaa jirachuu beeksiseera.

18182 Comments1 ShareLikeCommentShare

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015