Raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaa akka fakkatuuf hojiiwwan garagaraa hojjetama jira.

Finfinnee, Amajjii 21/2013 (TOI)- Raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaa akka fakkatuu fi teknooloojiin kan deggarame akka ta’uuf hojiiwwan garagaraa hojjetama jiraachuu Itaamaajoorri waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Jenaraal Birhaanuu Juulaa himaniiru.

Jenaraal Birhaanuu Juulaan miseensii fi hoggansii olaanaa raayyaan ittisa biyyaa saba fi sablammoota Itoophiyaa akka fakkatuufii haala waliin akka ammayyaa’uuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Jenaraal Birhaanuun daraggoonni jijjiirramicha booda gara raayyaatti dabalamaa jiraachuu ibsaniiru.

Raayyaa ittisa biyyaa biyyatti keessaa filuun, siyaasarra bilisa kan ta’anii fi ogumma isaaniif jalalaa fi kabajaa kan qaban ga’oomsuuf hojjetamaa jiraachuu himaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015