Tokkummaan biyyaa akka cimuuf nannooleen waliin hojjechuu qabu jedhan Af-yaa'iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Adam Faaraah.

50

Finfinnee,Amajjii, 20/2013(TOI)-Tokkummaan biyyaa akka cimuuf nannooleen waliin hojjechuu qabu jedhan Af-yaa'iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Adam Faaraah.

Mariin mataduree “Ollaan gaarii Badhaadhinaa Itiyoophiyaaf “jedhun naannoleen Kaabaa Ityoophiyaa fi Lixa Itoophiyaan wal daangeessan naannooleen Oromiyaa, Amaaraa, Tigraayi , Beenishaanguul Gumuuzii fi Gambeellaan hirmaachisee Magaalaa Bahiir Daaritti eeggalameera.

Maricharratti Obbo Adam Faaraah dabalate, Pireezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, Pireezdaanti Mootummaa Naannoo Gambeellaa Umuud Ujuuluu, Hojii Raawwachiisaa Olaanaa Bulchiinsa yeroo Naannoo Tigraayi Dr Muluu Naggaa fi Pireezdaantoonni naannolee kanneen biroo argamaniiru.

Mariicha irraati haasaa kan taasisaan Af-yaa'iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Adam Faaraah, walitti dhufeenyi naannoolee cimsuuf waliiti dhufeenya uummataa waliitti dhiyeessuufi nagaan akka bu’uu yoo barbaadamee naannoolee gidduutti walqixxummaan aadaa wal gargaarsaafi miira obboollummaa irratti kan hundaa’e ta’uu qaba jedhaniru.

Pireezidaantiin Naannoo Amaaraa Obbo Aganyaw Tashagar gama isaaniin tokkummaan biyya keessaa yoo cimee biyyii keenya kabajamte jiraatti jedhan.Mariin ammaa jalqabamees cimee itti fufu qaba jedhan Obbo Ageenyaw

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015