Giifti Dureen Zinnaash Taayachaw Mana Barnootaa sadarkaa 2ffaa Ifa Roophii eegalchiisuuf, dhagaa bu'uraa kaa'an

87

Amajjii 18/2013(TOI) Jilli Giifti Duree Zinnaash Taayachawuu fi Pireezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan durfamu,Godina Arsii Lixaa Aanaa Siraaroo Magaalaa Roophiitti ijaarsa Mana Barnootaa sadarkaa 2ffaa Ifa Roophii eegalchiisuuf, dhagaa bu'uraa kaa'aniiru.

Baajenni Manneen Barnootaa waajjira Giifti Duree Naannoo Oromiyaatti ijaaramaa jiran kunneenis, birrii gurgurtaa kitaaba Idaa'amuu Muummee Ministira Dooktar Abiyyi Ahimadiin barraa'e irraa akka ta'e himameera.

Waajjirri Giiftii Duree bara kana Naannoo Oromiyaatti Manneen Barnootaa Sadarkaa 2ffaa Afur Godinaalee Oromiyaa, Arsii Lixaa Aanaa Siraaroo,Shawaa Lixaa Aanaa Amboo,Wallagga Lixaa Aanaa Yuubdoo fi Godina Jimmaa Aanaa Xiroo Afataatti Kan ijaarsisu ta'uun himamusaa ragaan biiroo Koomunikeeshiniitii Oromiyaatii arganne ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015