Magaalaa Yaa'abal'ootti Ijaarsa Galma Abba Gadaa Kubii Curraaf Dhagaa bu'uraa kaa'uun jalqabsiifame

136

Amajjii 18/2013(TOI) Jilli Giiftii Duree Zinaash Taayyachoo, Perezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa fi Ogganaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo of-keessa qabu, Godina Booranaa Magaalaa Yaa'abal'ootti Ijaarsa Galma Abba Gadaa Kubii Curraa Dhagaa bu'uraa kaa'uun ijaarsaa isaa jalqabsiisan.

Uummatti Sirnaa Gadaa kunuunsee asiin gahee Boorannii akka Godinichaatti gaaffiiwwan misoomaa bayyee qabaatus Aadaa, Duudhaa fi safuun akka hin badnee kunuunsee dhalootaa dhalootatti dabarsuuf ciniinnatee hojjachaa jira.

Gaafii uummata bara lakkoofsiise bu'uura godhate Giiftii Duree Zinaash Taayyachoon Godina Booranaa Magaalaa Yaa'abal'ootti argamuun Ijaarsa Galma Abba Gadaa kana jalqabsiisan.Giiftii Duree Zinnash Tayyachoon haasaa taasisaniin Godinachaatti hojii kunuunsaa Aadaan wal qabatee jiru dinqisiifachuun xumura galmichaaf xiyyeeffannaan hojjatama jedhan.

Gaaffiin ijaarsa Galma Abbaa Gadaa Booranaa gaafii uummataa kan ganna 10 ol ture, har’a illee deebii atattamaa barbaadu kan jedhan immoo Itti gaafatamtuun Wajjira Aadaa fi Turiiziimii Godina Boorana Adde Xuunnalee Godaanaati.

Bulchaan Godina Booranaa Obbo Guyyoo Galgaloos gaaffiin ijaarsa Galma Abbaa Gadaa waggaa 10’ ol lakkoofsisee jira jedhan.Milkaa'ina xummura Galmichafis hawaasni , Abbootiin qabeenyaa , qaamoleen mootuummaa fi mit mootummaas deeggarsa barbaachisu kamiyuu godhuun isaan bira akka dhaabatanis yaamicha dhiyessan.

Perezidantiin Mootummaan Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa Galmi Abba Gadaa iddoo itti wal ga'an qofa osoo hin taane galtee Turizimii biyyaaf addunyaa taasisuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeefannoon hojjachaa jiraa jedhan.

Murtoon Sirna Gadaan kennamaa ture akka Mana Murtiitti ta'ee akka hojjatamuufis himan.(BKO)


Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015