Naannoleen Oromiyaa fi Sumaalee naannawa daangaa waliinii misoomsuuf waliigaltee mallatteessan

70

Finfinnee, Amajji 18/2013/TOI/ Naannoleen Oromiyaa fi Sumaalee naannawaa daangaa waliinii  misoomsuuf waliigaltee mallatteessan
Naannoleen kunneen waltajjii nageenyaa fi misoomaa waliiniirratti itti gaafatamtoota  mootummaa federaalaarraa bakka bu'anii fi itti gaafatamtoota naannolee lamaanii bakka argamanitti Finfinneetti adeemsifameera.

Waltajjii kanarratti naannoleen lamaan naannawaa daangaa waliinii irratti misooma hojjetamu ilaalchisee karoorri waggaa 5 dhiyaateera.

karooricharraa akka hubatametti jiraatonni naannawaa daangaa waliinii  gara k.m kuma lamaa ta'urra akka jiraatan beekameera.

Misooma waliinii kana raawwachiisuuf bajanni  Birrii miliyoona 220 ol kan qabame yoo ta'u, baasii kana naannoleen lamaan kun waliin  akka baasan hubatameera.

Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa waltajjii kanarratti akka dubbatanitti, naannawaa daangaa walii kanarratti waldhabdee hambisuu fi waliin misoomsuuf hojii bal'aan hojjetameera.

''Yeroo itti aanutti lafa dheedicha loonii/margaa, bishaanii fi itti fayyadama qabeenyaa biroo waliin walqabatee walitti bu'iinsa uumaman hambisuuf hojiiwwan misoomaa ciccimoon ni hojjetamu'' jedhan.

Itti aanaan Pirezidaantii naannoo Sumaalee obbo Musxafee Mahaammad wayita kana akka jedhanitti, hojii misoomaa kana waliin hojjechuuf naannichi kutannoon hojjeta.

Sochii hanga ammaatti taasifameen muuxannoowwan gaarii argaman babal'isuun akka barbaachisus himaniiru.

Hojiiwwan naannoleen kun hojjetaa jiran nageenya biyya kanaaf humna guddaa kan uumu ta'uusaa kan ibsan immoo ministira nageenyaa aadde Mufariyaat Kaamiili.

Waltajjiin waliinii kun fedhiin siyaasaa fi kutannoon kan itti argame akka ta'e eeranii, carraan itti fufiinsa isaas bal'aa dha jedhan.

''Gochi kun naannolee hafaniifis fakkeenya guddaa dha'' kan jedhan aadde Mufariyaat, ministeerichi deeggarsa akka taasisu mirkaneessaniiru.

Naannawa daangaa naannolee lamaaniittti qooqa hojii naannolee lamaaniitiin barsiisuu eegaluun isaanii muuxannoo gaarii akka ta’e ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015