Kilabiin ispoortii Geetaazaruu kubbaa saaphanaa dubartootaatiin mo’ate - ENA Afaan Oromoo
Kilabiin ispoortii Geetaazaruu kubbaa saaphanaa dubartootaatiin mo’ate
Finfinnee Guraandhala 24/2011 Guraandhala 16 bara 2011 irraa eegalee mata duree “xiyyeeffannoon Kubbaa saaphanaa dubartootaaf” jedhuun haala ispoortassitoonni irra jiran ilaaluuf dorgommii kubbaa saaphanaa Finfinneetti adeemsifameen kilabiin ispoortii Geetaazaruu mo’ateera.
Dorgommii kanaan ispoortassitoonni kilabiin ispoortii Geetaazaruu, hojiiwwan bishaanii Itoophiyaa fi manneen sirreessaa federaalaa hirmaataniiru.
Itti gaafatamaan waajjira federeeshinii kubbaa saaphanaa Itoophiyaa obbo Takluu Shawaayyee tajaajila oduu Itoophiyaatiif akka himanitti, dorgommiin kun qabbanaa’aa kan dhufe kubbaan saaphanaa dubartootaa xiyyeeffannaa akka aragatuuf yaadamee akka ta’e himameera.
Ispoortiin sadarkaa guutuu biyyaatti jedhamuun karaa danda’amuun adeemsifamaa yoo jiraateyyuu, sadarkaa kilabiitti lakkoofsi dubartootaa hir’achaa dhufeera kan jedhan itti gaafatamaan kun, rakkoo kana hiikuuf federeeshinicha qofa osoo hin ta’iin, qaamoleen dhimmi ispoortichaa ilaalu kanneen biros gumaacha isaanii ba’uu qabu jedhaniiru.
Bara 2006 irraa kaasee saala lachuunuu piriimar liigiin kubbaa saaphanaa adeemsifamaa akka jiruu fi waggaa baranaa piriimar liigiin kubbaa saaphanaa dubartootaa amma ammaatti akka hin jalqabamne eeraniiru.
Kilaboota dhaabbii isaanii ilaaluuf hirmaatan dabalatee Yuunivarsiitii Walaayittaa Sooddoo fi Magaalaan Adaamaa akka haaraatti piriimar liigicharratti ni hirmaatu jedhaniiru.
Federeeshinichi dorgommii kana Guraandhala 28 amma Bitootessa 8/2011 naannoo Sumaalee magaalaa Jigjigaatti kan adeemsifamu tapha dubartootaa guutuu Itoophiyaa 3ffaa booda adeemsisuuf karoorri akka qabame eeraniiru.
Tapha kaleessa kilabiiwwan ispoortii Geetaazaruu fi hojiiwwan bishaanii Itoophiyaa adeemsisaniin kilabiin ispoortii Geetaazaruu tapha marsaa 4 adeemsifameen qabxii 3 fi 1n mo’ateera.
Qabxii kanarratti hundaa’uudhaan Geetaazaruun tapha lamaaniin qabxii shan walitti qabachuudhaan taphichaan mo’ataa walii gala ta’uudhaan waancaa badhaafameera.
Manneen sirreessaa federaalaa qabxii 4n lammaffaa, hojiiwwan bishaanii Itoophiyaa qabxii malee sadarkaa sadaffaa qabachuudhaan dorgommicha xumuraniiru.
የኢትዮጵያ ቮሊቦል ፌዴሬሽን የውድድርና ስነ ስርአት ኮሚቴ አባል ወይዘሮ አሚና ሽኩር የዋንጫውን ሽልማት ለጌታዘሩ ስፖርት ክለብ አበርክተዋል።