Tarminaalli konkolaattoota fe’umsaa gurguddoo daangaa ce'anii Diichoottoo eebbifamuun tajaajilaa eegaluu ibsame.

63

Finfinnee, Amajjii 13, 2013 (TOI ) – Tarminaalli konkolaattoota fe’umsaa gurguddoo daangaa ce'anii Diichoottoo eebbifamuun tajaajilaa eegaluu ibsame.

Tarminaallichi lafa hektaara 12 irratti kan ijaarrame yoo ta’u, konkolaattoota 750 keessummeessuu danda’a jedhame.

Sirna eebba Tarminaallichirratti Ministira Ministeera Geejjibaa aadde Daagmaawiit Magos, Pireezdaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.

Tarminaalichi sarara ba’umsaa fi galumsaa Itoo – Jibuutiirratti eebbifamuun hojii eegaluun isaa damee hundaan faayidaa olaanaa qabaachuu aadde Daagmaawiit ibsaniiru.

Tarminaalichi tajaajila fe’umsaa guddisuun ala jiraattoota naannichaaf carraa hojii kan uumu ta’uu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015