Hidhattoota humna juuntaa dursuun waraansisaa kan turan Meejar jeneraal Mahaammad Ishaa fi Birgaadeer jeneraal Mulgeetaa Barihee harka laataniiru

48

Finfinnee, Amajjii 13, 2013 (TOI ) – Hidhattoota humna juuntaa dursuun waraansisaa kan turan Meejar jeneraal Mahaammad Ishaa fi Birgaadeer jeneraal Mulgeetaa Barihee harka laataniiru.

Miseensa Raayyaa ittisaa kan turanii fi soorramaan kan gaggeeffaman Meejar jeneraal Mahaammad Ishaa fi Birgaadeer jeneraal Mulgeetaa Barihee karaa nagaan harka laachuu isaanii ibsame.

Hoggantoonni waraanaa kunneen soorrama erga ba’anii booda gara Juuntaatti makamuun hidhattoota naannichaa lolaaf qopheessaa akka turan Daayreekatarri olaanaan Indooktiriineshinii Raayaa Ittisaa meejar jeneraal Mahaammad Tasammaan ibsaniiru.

Garichi Raayyaa Ittisa Biyyaa Izzii Kaabaarratti tarkaanfii wayita fudhatu qindeessitoota olaanoo kanneen turan ta’uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015