Itti aanaan Pireezdaantiin naannoo Soomaalee obbo Musxaafee Mahaammad mana barumsaa Qoraahay idila addunyaa birrii miiliyoona 28.5n ijaarrame magaalaa Qabradaaritti eebbisiisaniiru.

86

Finfinnee, Amajjii 11, 2013 (TOI ) –Itti aanaan Pireezdaantiin naannoo Soomaalee obbo Musxaafee Mahaammad mana barumsaa Qoraahay idila addunyaa birrii miiliyoona 28.5n ijaarrame magaalaa Qabradaaritti eebbisiisaniiru.

Manni barumsaa kun Diyaaspooraa dhalattoota Qoraahayiin ijaaramuu ibsameera.

Sirna eebbichaarratti Itti aanaan Pireezdaantii naannoo Soomaalee obbo Musxaafee Mahaammad dabalatee hoggantoonni olaanoon naannichaa, jaarsooliin biyyaa fi hawaasni diyaaspooraa Qoraahay argamaniiru.

Manni barumsichaa kutaalee barnootaa 24, mana dubbisa Kitaabaa, kutaa yaalii, kutaalee bulchiinsaa kan hammate yoo ta'u, baasii Diyaaspooraan barsiisoota sadarkaa idila addunyaa ni qabaate jedhame.

Jijjiirraman dura baajanni naannichi barnootaaf qabu miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 5 qofa ture yeroo ammaa biiliyoona 1ol ta'uu obbo Musxafeen haasawa sirnicharratti taasiisaniin ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015