Karaa seeraan alaa daddabarfamaa kan ture rasaasni kumni 4 fi 600 ol to’anna jala oole

72

Finfinnee, Amajjii 10. 2013 (TOI)- Karaa seeraan alaa daddabarfamaa kan ture rasaasni kumni 4 fi 600 ol to’annaa jala ooleera.

Rasaasni kunneen guyyaa kaleessaa magaalaa Maqaleerraa gara magaalaa Baahir Daaritti daddaabarfamaa kan turaniidha.

Sakattoo buufata Waaldiyaatti hojjettoota gumurukaatiin taasifameen rasaasni kumni 4 fi 615 to’atamaniiru.

Raasoota kanneen dhoksuun dabarsuuf yaali kan taasisaan konkolaachisaa dabalatee shakkamtoonni 4 to’annaa jala oolaniiru.Buufanni sakattoo Waaldiyaa damee waajjirichaan guyyoota torbee tokko hin guunne keessaatti meeshaalee waraanaa kara seeraan alaa daddabarfaman kuma 10 fi 600 to’annaa jala oolchuun ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015