Akkaataa Piroojaktii Qindaa'aa Gumaata Caffee Tumaa milkeessuun danda'amurratti Magaalaa Finfinneetti mari'atamaa jira.

103

Finfinnee, Amajjii 7, 2013 (TOI)- Akkaataa Piroojaktii Qindaa'aa Gumaata Caffee Tumaa milkeessuun danda'amurratti Magaalaa Finfinneetti mari'atamaa jira.

Piroojektiin kunis rakkoolee hawaas-diinagdee godinichaa furuuf kan hundaa'e ta'uu Bulchaan Godinichaa Obbo Girmaa Hayiluu himaniiru.

Piroojektichis baajata Birrii Biliyoona 3 oliin kan hundaa'e ta'uunis himameera.

Piroojektiin Qinda'aa Gumaata Caffee Tumaa baatiwwan 8 dura hawaasa godina Addaa Oromiyaa naannawa Finfinnee fayyadamaa taasisuuf kan hundeeffameedha.

Guyyaa har’aas godinchatti marii invastaroota fi qaamolee adda addaa waliin dhimma piroojektii Gumaa Caffeerratti gaggeeffameera.

Mariichaan Qindeessaan Pirojeektii Qinda'aa Gumaata Caffee Tumaa obbo Takattal Ababaa, piroojektichi yeroo gara hojitti seenuus rakkoowwan kanneen akka dhiyeessii bu'uraalee misomaa, kenniinsa tajaajilaa fi hojii dhabdummaa hir'isuuf kan hojjetamuu ta’u himaniiru.

Piroojektichiis piroojaktoota 18 of jalatti haamachuun qaamolee hawaasa sadarkaa garagaraa mootummaa dabalatee madda galii taasisuun, baasii Birrii biiliyoona 3.2n namoota miiliyoona 10 fayyadamaa taasisaas jedhameera jechuun OBN gabaasera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015