Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koreen dhaabbii dhimmoota qabeenya namaa fi Teeknooloojii sosochii hojii Inistiityuutiin Teeknooloojii Saayinsii Hawaa Itoophiyaa daawwateera.

84

Finfinnee, Amajjii 6, 2013 (TOI) - Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koreen dhaabbii dhimmoota qabeenya namaa fi Teeknooloojii sosochii hojii Inistiityuutiin Teeknooloojii Saayinsii Hawaa Itoophiyaa daawwateera.

Inistiityuutiin Teeknooloojii Saayinsii Hawaa Itoophiyaa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuu dhabuu isaan ragaawwan Saatalaayirraa argaman qabatamaan gara hojiitti jijjiiruurratti hanqinni jiraachuu korichi daawwannaa taasiiseen hubachuu ibseera.

Keessattuu Inistiityuutichi faayidaa biyyaaf qabu hawaasa hubachiisurratti hanqinni bal’aan jiraachuu walitti qabduun korichaa aadde Immiyyee Bitaw ibsaniiru.Hoggantoonni Inistiityuutichaa dandeettii ogeeyyii fi barattootaa cimsuuf murannoon hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Daayreektarri olaanaan Inistiityuutii Teeknooloojii Saayinsii Hawaa Itoophiyaa obbo Abdiisaa Yilmaa gama isaaniin Itoophiyaan bara Faranjootaa 2020 biyya Afrikaa keessaa Saatalaayitii furgusiifte ta’uu ibsuun, yaadoota korichi kaase akka galteetti fudhachuun yeroo itti aanu xiyyeeffannoon irratti kan hojjetan ta’uu ibsuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni muul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015