Tamsaasa Kallatti:

Garee badii Godina Matakkalitti lammiilee nagaarraan miidhaa geessisaa jirurratti tarkanfii cimaan fudhatamaa jiraachuu, Koreen Godinichatti hunda’ee beeksise.

Finfinnee,Amajji 05,2013(TOI)-Garee badii Godina Matakkalitti lammiilee nagaarraan miidhaa geessisaa jirurratti tarkanfii cimaan fudhatamaa jiraachuu, Koreen Godinichatti hunda’ee beeksise.

Rakkoo kana hundeerraa furuuf korichi karoora gabaabaa,giddugaleessaafi yeroo dheeraa baafachuun hojjetaa akka jiru himeera. Sadarkaa ministeeratti Qindeessan giddugala ijaarsa sirna dimookiraasii, Obbo Tasfaayee Beeljigee tarkaanfiin seeraa garee badii kanarratti fudhatamu cimee itti fufuu himaniiru.

Guyyoota 15 darban keessatti hoggantoota mootummaa dabalatee miseensonni garichaa hedduun to’atamuu eeraniiru.

Hojiiwwan caasaalee mootummaa qulqulleessuufi hoggantoota haaraa ummatan amanamummaa argatan bakka buusuu hojjatamaa jirus jedhan. Hoggantoonni 177 ol leenjii guyyaa sadii fudachuufi kanneen keessas harki 80 hoggantoota haaraa ta’uu himaniiru.

Deetaan ministira nageenyaa, Aadde Firee’alam Shibabbawu lammiilee buqqa’aniif deeggarsi kennamaa jiraachuu himaniiru.Deeggarsa mootummaan federaalaa kennuun alatti hawaasni naannichaas lammiilee buqqa’aan deeggaraa jiraachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015