Wixineen labsii seeraa Miidiyaa ilaalchisee qopha'ee bu'uura ogummaan heddummina karaa bilisaa fi ittigaafatamummaa qabuun ibsuuf kan gargaaruu fi Industirii miidiyaa guddisuuf kan fayyadu ta'uu abbaan alangaa waali galaa beeksise.

62

Finfinnee,3/2013(TOI)- Wixineen labsii seeraa Miidiyaa ilaalchisee qopha'ee bu'uura ogummaan heddummina karaa bilisaa fi ittigaafatamummaa qabuun ibsuuf kan gargaaruu fi Industirii miidiyaa guddisuuf kan fayyadu ta'uu abbaan alangaa waali galaa beeksise.

Mana maree bakka bu'oota uummataatti koreen dhaabbi dhimma seeraa,haqaa fi dimokraasii warra wixinichaa qopheessanii dhiheessanii fi hoggantoota dhimmi ilaaluf gaaffii dhiheessaniru.

Gaaffii gafatamaniifis warri dhimmi ilaallatu korichaaf ibsa kennaniru.Abbaan alangaa walii galaa doktar Gediyoon Ximotiwoosis kayyoo fi qabiyee wixinichaa ilaalchisani ibsaa kennaniru.

Wixineen kun heeraa mootummaatiin beekamtii kan argatee bu'uurri yaada ofii bilisaan ibsachuu, bilisummaan pireesifi miidiyaalee karaa sirrii ta'een egumsa karaa jarmiyaa fi seeraa akka argataniif yaadamee kan qopha'eedha jedhan.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015