Ijaarsi Daandii Tulluu Boolloo –Keellaa kiiloomeetiraa 80 dheeratuu gara hojii Aspaaltii uwwisuutti cee’amuu himame.

FINFINNEE,Amaajii 03,2013(TOI)-Ijaarsi Daandii Tulluu Boolloo –Keellaa kiiloomeetiraa 80 dheeratuu gara hojii Aspaaltii uwwisuutti cee’amuu himame.

Hanga ammaattis karaan kiiloo meetiraa 26 xumuramuu ibsameera. Daandiichis naannoolee Oromiyaafi Naannoo kibbaa kan wal qunnamsiisuufi akkasumas daandii guddaa Buttajira-Finfinnee wal qunnamsiisuuf hojjetamaa jira jedhameera.

Daandiichis baasii Birrii Biiliyoona 1.3 ijaaramaa jirachuus himameera. Daandiichas waggaa dhufu xumuruuf karoorfamee hojjetamaa jira.

Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Itiyoophiyaa irraa odeeffaanne.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015