Koreen Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin hunda’e hojii tasgabbii fi seera kabachisuu Godina Matakkal erga fudhate booda godinichatti nageenyi bu’uufi sodaan lammiilees hir’achuun himameera.

Finfinnee, Amajji 03,2013(TOI)-Koreen Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin hunda’e hojii tasgabbii fi seera kabachisuu Godina Matakkal erga fudhate booda godinichatti nageenyi bu’uufi sodaan lammiilees hir’achuun himameera.

Koreen hojii tasgabbii fi seera kabachisuu baatii tokkoo keessatti xumuree bulchiinsaf kennuuf karoora baasuun hojjachaa jiru kun raawwii torbee 2ffaasaa qorachaa jiraKoreen kun hojii tasgabbii fi seera kabachisuu kana hojjechuu erga eegalee bakkaa bu'oota uummata, manguddoota fi dargaggootaa waliin mariyateera.

Kana cinaattis garee shiftaa godinicha keessaatti rakkoo nageenyaa uumaa jiru irrattis tarkaanfii fudhachaa turera. Halumaa kanaan bakka shiiftoonnii qabatanii turanis gad lakkisisera.

Rayyyaan ittisa biyyaa godinicha bakka hundaatti boba'ee hojii olaantummaa seera kabachiisuu hojjeteen amma rakkoon nageenya jiru harki caalaan furameera.

Lammileen beekaniis haa ta'uu osoo hin beekiin bosonatti galaan gara qe'ee isaanitti akka deebi'aan taasifama jira.Sabaabaa rakkoo nageenya Uumameen badii lubbuu namafi qabeenyarra gahe kana kan raawwatan saba kamiyyuu warra bakka bu'aan akka hin tanee marii hawaasa waliin taa'amerratti hubatamera jedhamera.

Oomishinni qonnaan bula gochaa badii sanarra hafees raayyaa ittisa biyyaa fi dhimmoota nageenya biroo waliin wal ta'uun walitti qabama jiras jedhamera.

Torbanoota dhufaan lamaanitti tajaajilawwaan bufata fayyaa adda citanii turanii guututti deebisanii banuu manneen barnoota hojii baruu fi barsiisutti akka deebi'an gochuu fi kanneen qe'ee fi qabeenya isaanirra buqa'aan immoo deebisanii dhaabutu hojjetama jedhamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015