Hoggantoonni olaanoo Juntaa to'atamaan

131

Finfinnee, Amajjii 2, 2013 (TOI)- Hoggantoonni olaanoo Juntaa to'atamaan. Raayyaa ittisa biyyaa irratti tarkaanfiin akka fudhatamu kan godhan hedduu irratti immoo tarkaanfiin fudhatameera.

Itti gaafatamaan ajaja bobbii raayyaa ittisa biyyaa Birgaadeer Janaraa Tasfaayee Ayyaaleew Tajaajila Oduu Itoophiyaatti akka himanitti, humnoota biyya diiguuf tattaaffachaa turan kanneen Tarkaanfiin irratti fudhatame keessaa,

1.Meejar Janaraal Ibraahiim Abduljaliil

2.Birgaadeer Jeneraal Gabrakidaan Gabramaariyaam fi ajajoota olaanoo raayyaa ittisa biyyaa kan turan 10, ajajoota sararaa 2, gargaaraa koomiishinaraa poolisii kan turefi juuntaatti kan makaman keessatti argamu.

Hoggantoota juntaa to'ataman keessaas,

1.Aabbaay Waduu pireezdaantii naannichaa durii,

2.Doktar Abrahaam Takastaa itti aanaa pireezdaantii naannichaa kan turan,

3.Doktar Radaa'ii Barihee itti gaafatamaa Oodiitara naanichaa kan ture,

4.Dooktar Mulgeetaa Yirgaa itti gaafatamaa Eejansii Istaatiistiiksii,

5.Iqquubaay Barihee itti gaafatamaa hordoffii amantaalee,

6.Geetaachoo Tafarraa itti gaafatamaa waajjira pireezdaantii fi nageenyaa,

7.Aadde Kiiroos Haagoos itti gaafatamtuu dhimma hawaasummaa kan turte to'atamaniiru.

Raayyaa ittisaa ganuun juuntaatti kan makaman ajajoonni raayyaa ittisaa koloneel Gbra'igzi'aabheer Ambaayee fi koloneel Tirfwaa Asfaanis to'atamaniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015