Manni maree naannoo Ganbeellaa yaa'ii arifachisaa 5ffaa har'a taa'uu eegalera.

75

Finfinnee,Amajji 2 /2013 (TOI) - Manni maree naannoo Ganbeellaa yaa'ii arifachisaa 5ffaa ar'aa taa'uu eegalera.

Af-yaa'iin mana marichaa abbo Juul Naangal sirna banisa yaa'ichaarratti akka dubatanitti weerara vaayirasii koroonaa sadarkaa naannichaattis ta'ee biyyaatti babal'achaa jiru ittisuuf xiyyeeffannoon kennamuu qaba jedhaniru.

Keessattu hoggantoonnii fi miseensoonni mana marichaa shoora olaanaa bahuu qabu jedhaniru.

Af-yaa'ichi dabalataan akka jedhanitti Filannoo biyyaleessa bara kana geggeffamuu akka karaa dimookiratawaa ta'een raawwatamuuf hunduu gahee isaa bahuu qaba.

Naannichatti dhimma misoomaa fi nageenyaa hojjetamaa jirus cimsaanii itti fufuun barbaachisadhas jedhaniru.

Yaa'ichi guyyaa tokkoof kan turu yoo ta'u turtii isaa kanaanis wixinee baay'inaa bakka bu'oota uummata mana maree sadarkaan jiranii bahee jiru qoratee ni raggasisaa jedhamee eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015