Kilabii kubbaa miilaa magaalaa Walisoo cimsuuf egzibiishinii fi baazaariin baname

Ambo Guraandhala 20/2011 Kilabii kubbaa miilaa magaalaa Walisoo cimsuuf agarsiifni daldalaa guutuu biyyaa, egzibiishinii fi baazaarii magaalaa Walisootti baname.

Sirna baniinsaa irratti itti gaafatamaan waajjira kantiibaa magaalaa Walisoo fi walitti qabaan kilabichaa obbo Hayilee Gurmeessaa akka jedhanitti, baazaariin kun kaleessa irraa kaasee guyyoota kudhaniif banaa ta’a.

Baazaaricharratti daldaltoota Hindii fi Turkirraa dhufan dabalatee daldaltoonni biyya keessaa 150 ol ta’an hirmaataniiru.

Daldaltoota egzibiishinii fi baazaarii kanarratti hirmaatan, gurgurtaa tikkeettii fi ispoonsararraa galii birrii miiliyoona 2 ol walitti qabuuf karoorfamuusaa beeksisaniiru.

Obbo Hayileen akka jedhanitti, galiin baazaarii kanarraa argamu hanqina faayinaansii kilabii ispoortii magaalaa Walisoo furuu fi cimsuuf akka gargaaru dubbataniiru.

Kilabiin kubbaa miilaa magaalaa Walisoo leenjisaa kan hin qabne waan ta’eef galii argamuun garee kanaaf leenjisaa qaxaruu fi taphattoota human cimaa qaban bituuf karoorfamuu ibsaniiru.

Egzibiishinii fi baazaarii kanarratti sirba Oromootiin beekamaa kan ta’e Diinaa’ol dabalatee baandii Walee Walisoo fi gareen hawwisoo Walisoo argamanii qophii bashannanaa ni dhiheesu.

Itti gaafatamaan itti aanaa waajjira ispoortii magaalaa Walisoo obbo Zallalaawu Asiras gamasaaniitiin “baazaarichi qophaa’uunsaa dargaggoota hedduuf carraa hojii kan yeroo uumuurra darbee sochii daldalaa magaalattii ni dadammaqasa” jedhaniiru.

Itti gaafatamaan kun akka jedhanitti, galiin baazaarii kanarraa argamu garee ispoortii kana gareewwan kubbaa miilaa magaalotaa kanneen biroo waliin qixa akka dorgomu gochuuf human kan uumudha.

Daldaltoota baazaarii kanarratti hirmaatan keessaa adde Sinqinash Gizaachoo Finfinneerraa akka dhufan ibsanii, baazaarii kanarratti sibiilota, maashinootaa fi meeshaalee addaddaa gurgurtaaf dhiheessuusaanii dubbataniiru.

“Meeshaaleen qabadhee dhihaadhe  “gatii madaalawaadhaan gurguree bu’aa gaarii nan argadha jedheen abdadha” jedhaniiru.

Magaalaa Walisootti jiraataa ganda 01 kan ta’an obbo Tashoomaa Asiraat gamasaaniitiin, egzibiishinii fi baazaariin kun meeshaalee addaddaa magaalaa Walisootti argachuu hin dandeenye bitachuuf carraa akka uumeef dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015