Lammiileen Ityoophiyaa Ameerikaa jiraataan qorichootaa fi galteewwan yaala fayyaa doolaara miiliyona 7.7 baasuu deeggarsa taasiisan

62

Finfinnee, Muddee 23, 2013 (TOI) - Ityoophiyaanoonnii fi dhalattoonni Ityoophiyaa Ameerikaa jiraatan qorichootaa fi galteewwan yaala fayyaa yaallamtoota tasaaf tajajilu Doolaara miilyoona 7.7 baasuu deeggarsa taasiisaniiru.

Miiniisootaatti waamicha waajjirri Qoonsilaa Ityoophiyaa taasiiseen abbaan qabeenyaa Meedikaal Eksipreesi obbo Iyyu'eel Yooseef dhaabbata Daayreekt Riiliif Intarnaashinaal jedhamu waliin ta'uun qorichootaa fi galteewwan yaalaa baasii isaaniin daandii qilleensa Ityoophiyaan imalchiisuun Roobii dhufu Finfinnee kan ga'u ta'uu ibsameera.

Deeggarsa taasiisaniif Ambaasaaddar Abdullaaziiz Mahaammad galateeffachuu ragaan Ejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaarraa argame ni muul'isa

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015