Haala sirna nyaataa fi fayyaa haadhoolii fi daa’immanni fooyyessuuf mariin gaggeeffame

135

Finfinnee, Muddee 22/ 2013 (TOI) –Haala sirna nyaataa fi fayyaa haadhoolii fi daa’immanni fooyyessuuf mariin gaggeeffame.

Haala sirna nyaataa fi fayyaa haadhoolii fi daa’immanni fooyyessuuf mariin gaggeeffameHaala sirna nyaataa fi fayyaa haadhoolii fi daa’immanni fooyyessuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamuu akka qabu Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa ibsaniiru.

Waltajjichi naannoo Gambeelaatti gaggeeffama jira.Ministirri Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa akka ibsanitti fayyaa haadhoolii fi daa’immanii biyyatti foyyeessuu akkasumas, tajaajjila fayyaa hawaasaa babbal’isuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaniiru.

Hojii raawwachiiftuun faawuundeeshinii Haaylamariyaamii fi Roomaa aadde Roomaan Tasfaayee gama isaaniin, mootummaan waggoota 20 darban fayyaa haadholii fi daa’immaanii, dhiyeenyatti ammoo haala sirna nyaataa fooyyessuuf imaammata bocuun hojiiwwan hedduu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015