Ityoophiyaatti bakka bu’aan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Booriyoom Haamaa Saamboo manneen barnootaa tooftaalee itisa koronaa sirnaan hojii irra oolchuu qabu jedhan

47

Finfinnee, Muddee 22/ 2013 (TOI) –Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Ityoophiyaatti manneen barnootaa banamuun walqabatee karaalee ittisa vaayrasii koroonaa qixaan hojiirra oolchuu isaanii mirkaneessuuf qaamoolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan akka hojjetu beeksiseera.

Ityoophiyaatti weerarri vaayrasii koroonaa uumamuun walqabatee waggaa darbe baatii Bitootessaa keessaa manneen barnoota cufamuun isaa ni yaadatama.

Baatii Fulbaanaa darbe mootummaan manneen barnootaa ofeeggannoo taasisuun akka banamanii fi barattoonni gara mana barnootaatti akka deebi’aan murteesseera.

Ityoophiyaatti bakka bu’aan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Booriyoom Haamaa Saamboo manneen barnootaa banamuun waliin walqabatee karaalee ittisa vaayrasii koroonaa hojiirra olchuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015