Barattoonni eebbifamttoonni Yuunivarsiitii Addigiraat barnoota isaanii Amajjii 02 bara 2013 ni eegalu jedhe Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo.

57

Finfinnee,Muddee 22/2013(TOI)- Barattoonni eebbifamttoonni Yuunivarsiitii Addigiraat barnoota isaanii Amajjii 02 bara 2013 ni eegalu jedhe Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo.

Barattoonni eebbifamttoonni Yuunivarsiitii Addigiraat barnoota isaanii Amajjii 02 bara 2013 Yuunivarsiitii Maqaleetti akka eegalan Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo beeksise. Sababa weerara vaayirasii Koroonaatiin dhaabbileen barnoota olaanoo adeemsa baruu fi barsiisuu 2012 adda cite ture itti fufsiisuuf Onkolooleessa 24 bara 2013 irraa eegalee waamichi darbuusaa kan yaadatamudha.

Haa ta’uti Naannoo Tigiraayitti sababa duula olaantummaa seeraa kabachiisuun adeemsi baruu fi barsiisuu adda cite kan ture yoo ta’uu, irra deebiin waamichi dabrsuun kan barbaachise ta’uu Ministeerichi beeksiseera.

Yuunivarsiitii Addigiraat bara 2012 miidhaa Yuunivarsiiticha irratti dhaqqabeen suphaa irra kan ture yoo ta’uu, barattoonni eebbifamttoonni barnoota isaanii xumuranii kan eebbifaman Yuunivarsiitii Maqaleetti ta’uu himamera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015